ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo ganda Yuusuf jedhamutti waraana maafiyaa PP’n Ebla 30, 2025 dhiittaan mirgoota namoomaa raawwachuun kan himamu oggaa ta’u, walakeessa halkanii sa’a 5:00 irratti mana Obbo Amaataad nama jedhamuu deemuun dargaggoota manneen sana keessa jiranii fi miseensota maatii kanneen irratti reebicha haalaan ulfaataa raawwachuun miidhaa akka qaqqabsiisan ibsameera.
Keessattuu ilma Obbo Amaataad dargaggoo maqaan isaa Shaamsoo jedhamu reebicha jabaa erga irratti raawwataniin booda mancaan harkaa fi mataa isaa irra kan buruqsan yoo ta’u, kana malees namoota mana sana keessa turan cufas ukkaamsuun hidhaatti darbatanii akka jiranis ibsameera.
Adda durummaan gochaa safuu hawaasaa cabsuu fi miidhaa adda addaa milishoota waliin ta’uun raawwatee raawwachiisaa kan jiru nama maqaan isaa Dachaas Ahimad Umar kan jedhamu yoo ta’u, ga’een hojii isaas bulchaa araddaa akka ta’es itti dabaluun himaniiru.


