ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Poolisiin Biriteen Dilbata har’aa akka jedhetti, lammiilee Iraan afur dabalatee namoota shan “yakkoota shororkeessummaa” raawwachuuf jedhamanii shakkamanii to’annoo jala oolchuu isaanii ibseera.
Hidhaan kun kan raawwatame magaalaa Landan, Iswindan fi naannoo Greater Manchester keessatti yoo ta’u, poolisiin magaalaa guddittii Landan ibsa baaseen ibseera.
Lammiileen Iraan Awurooppaa keessatti yaalii gocha shororkeessummaan qabamaa kan oolan yoo ta’u, dhiyeenya kana biyyoota Awurooppaa hedduu keessatti cubeen waraananii ajjeesuu dabalatee gochaawwan lubbuu namootaa galaafatan raawwachaa jiraachuun ni beekama.


