• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti finxaaleeyyiin Amaaraa daandiitti ba’uun hawaasa Oromoo konkolaataa tokko ukkaamsuun dhaga’ame

May 6, 2025

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee bakka addaa gaara Dichoo jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa guyyaa Dilbataa Caamsaa 4, 2025 bariin daandiitti ba’uun imaltoota magaalaa Ayyaanaa irraa ka’uun gara magaalaa Finfinnee imalaa jiran ukkaamsuun bakka buutee isaanii dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, baay’inni namoota konkolaataa TATA jedhamuun gara magaalaa Finfinnee imalanii 60 ol ta’uu himuun, dubartoota muraasa irratti hambisuun dhiirota hunda ukkaamsanii deemuu fi namoonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an immoo akka jalaa miliqan dubbatu.

Hidhattoonni kunneen deggersa qaamolee Abiy Ahimed bobbaaseen gaara Dichoo mandheeffachuun yeroo adda addaatti irra deddeebiin haala suukkaneessaa ta’een hawaasa Oromoo butuu fi qarshii guddaa gaafachuun, kanneen qarshii jedhame kaffaluu dadhaban ammoo rasaasaan ajjeesanii gataa turuun isaanii himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading