• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Mattuu keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed maqaa oomisha baala shaayee jedhuun qabeenya hawaasaa mancaasuu itti fufan

May 7, 2025

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Uummata Oromoo imimmaan lakkuu boossisuu hojii idilee kan taasifatan jaleewwan Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo sababoota garaa garaan yakkuun miidhaa ulfaataa raawwachuu itti fufanii jiru.

Bulchiinsa magaalaa Mattuu jalatti kan argamtu, ganda Madee jedhamtu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa oomisha baala shaayee sababeeffachuun lafa uummataa irraa beenyaa tokko malee biqiltuu bunaa ciranii mancaasuun daandii keessa baasaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jiraattonni gandichaa dhimma mancaatii qabeenya isaaniitiif mormii agarsiisan namoonni baay’inaan 10 ol ta’an hidhamanii dararamaa jiraachuu fi namni maashinii daandii baasaa jiru dura dhaabbatee hojii irraa dhorkes sa’atii tokkotti qarshii 12,000 adabama jechuun sodaachisanii qabeenya hawaasaa akka malee mancaasaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Ji’ootaan duras, biqiltuu baala shaayee kana lafa jiraattotaa irra dirqamaan akka oomishamuuf lafa qonna midhanii dhiissisanii hojjechiisaa turuu fi mormii qonnaan bultoota aanichaa yeroo darbe isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading