ONM-ABO Caamsaa 8, 2025
Karoorri bulchiinsa isaa duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti geggeessuu kan ta’e gareen faashistii PP qawweedhaan uummata fixaa kan jiru itti xiqqaannaan amma ammoo saamicha bifa addaan maqaa qawweetu bitamee isiniif kennama jedhuun gandoota baadiyyaa aanaa Sinaanaa fi Gooroo keessatti bobba’uun uummata harka qalleessa doorsisanii namootaa irraa qarshii 1000-35,000’tti afaan qawween fuuchaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Oromummaa isaa qofaan diina taasisuun lubbuu uummata Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa, qabeenya inni ittiin jiraatu hunda mancaasaa kan oolan goolessitoonni sirnichaa ajaja koloneel Abiy Ahimediin goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaafamuun, qe’ee ilmaan Oromootti duuluun guyyuu hidhaa, saamicha, reebichaa fi ajjeechaa geggeessaa osoo jiraanii bifa haarawaan meeshaa ittiin sabichuma ajjeesan uummanni akka bituufis dirqisiisaa akka jiran jiraattonni ona Sinaanaa miira aariiin guutameen ONM’f eeraniiru.
Jireenya ilma namaa barbadeessaa aangoo irra taa’uun bulchiinsa uummataa kan itti fakkaatu murni balfamaa fi jibbamaan impaayerattii Bilxiginnaan, maqaa nageenyaan saamtotaa fi eegdota barcuma siyaasa isaa tiksan hidhannoo meeshaa waraanaan uummata Oromootti duulchisuun nageenya sabichaa yeroo mara jeequmsaa fi gaddaan uuwwisaa jira.



