• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo keessatti murni goolessaan PP gubaatii manneenii fi dararaa garaa garaan uummata gidirsaa jiraachuun barame

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Caamsaa 6, 2025 aanaa Gullisoo ganda Sankii Kolaatii bakka addaa Dugda Guddaa jedhamu keessatti jaleewwan Abiy Ahimed maqaa hidhata WBO qabda jedhu itti maxxansuun mana nama maqaan isaa Obbo Mitikkuu Caalii jedhamu ibidda itti shiduun gubanii oggaa barbadeessan, gandicha keessas humna waraanaa guddaa qubsiisuun nyaataa nuuf kennaa jechuun jiraattota rakkisaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Mirga uummataa sarbuun dantaa murna isaa qofa kan eegsifatu murni faashistii PP yakkoota mirga namoomaa uummata irratti raawwachuun afaan qawwee fayyadamuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi gubaatii manneen uummataa irratti geggeessuun cinatti ona Gullisoo keessaa namoota danuu ukkaamsuun jireenya ilmaan Oromoo mancaasaa jiraachuun kan beekamuudha.

Hammeenyaa fi gidiraa malee gaarummaa saba irraa dhalataniif kan hin yaadne ergamtoonni sirnichaa garaa isaanii qofaaf dhama’an bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu gochoota sukkaanneessoo adda addaa uummata irratti cimsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading