• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Boorana Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti jaleewwan Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuun ji’oota hedduuf dararaa jiraachuu fi dargaggoota leenjii waraanaatti guuruu itti fufuun himame

May 11, 2025

ONM-ABO Caamsaa 11, 2025 

Lukkeeleen Bilxiginnaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa bosonaa galchaa” jedhanii kutaalee Oromiyaa cufa keessaa maatii qabsaa’otaa jumlaan ukkaamsanii hidhaatti darbatanii ji’oota hedduuf garmalee dararaa jiru.

Aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo fi Waatoo jedhaman irraa badii tokko malee maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuranii ji’oota hedduuf dararaa kan jiran yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:

  1. Goluu Guyyee Majaa,
  2. Boonaa Raafamaa,
  3. Booruu Mi’eessaa Areeroo,
  4. Abdullaahi Jiloo Majaa, 
  5. Daggafaa Abbaa Goobaa,
  6. Sulxaan Sokorraa Olkoo jedhamanii fi 

kanneen baay’inaan 200 ol ta’an maqaa “ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; waamaa galchaa” jedhuun jalqaba ji’a Amajjii keessa qabanii hanga gabaasni kun qindaa’etti garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, aanicha guutummaa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa gara jabina guddaan hawaasa irratti bobba’anii kan jiran yoo ta’u, dargaggootaa fi qonnaan bultoota hedduu ta’an bakka hojii idilee isaanii irraa fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading