ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Caamsaa 9, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Gobeessaa jedhamu keessaa waraanni faashistii PP saamicha raawwachuu fi namoota nagaa humnaan ukkaamsanii mooraa waraanaatti guuraa akka turan jiraattonni himan.
Bifuma kanaanis dargaggoo maqaan isaa Maamush jedhamu loltoonni maafiyaa PP doqdoqqee keetiin nu fe’uu didde jechuun reebicha haalaan ulfaataa irraan gahanii, doqdoqqee isaas caccabsanii gatuun ibsameera.
Kana malees namoota dukkaana qaban baay’inaan 24 ol ta’an maqaa waraqaa seerawaa hin qabdan jedhuun qabeenya isaanii irratti saamicha akka raawwatan jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Gandoota akka Heellaa fi Makanaa jedhamu keessaa ammoo dargaggoota danuu jumlaan ukkaamsanii mooraa leenjii waraanaatti fe’aa akka jiran jiraattonni dabaluun addeessaniiru.



