ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Murni Bilxiginnaa hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo uummata Oromoo lafa irraa akka duguuganiif maqaa uummata Amaaraa eegdu jedhuun meeshaa adda addaa kan hidhachiise yoo ta’u, yeroo Finxaaleeyyiin kun uummata Oromoo ajjeesanii fi weeraranitti birmannaa taassisuu osoo qabuu, faallaa isaa hawaasa Oromoo irraa cuubeen osoo hin hafne irraa hiikuun Finxaaleeyyii kanaaf haala mijeessaa jiru.
Caamsaa 10, 2025 aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Cirrii jedhamuun beekamutti dhukaasa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa irratti bananiin ganda Dalgoo irraa daa’ima ganna 9 maqaan isaa Kaalid Sayid Adamee jedhamu haala suukkanneessaan yoo ajjeesan, bakkichumatti jiraataa ganda Cirrii kan ta’e nama maqaan isaa Adam Aliyyii jedhamu ammoo madeessuun ibsame.
Aanichatti Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoo jechuun of waaman kun guyyaa irraa gara guyyaatti ajjeechaa suukkanneessaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiraachuu fi Caamsaa 7, 2025 nama maqaan isaa Mahaammad Ahimed Daa’idee jedhamus qottoon qaama isaa guutuummaatti mummuruun ajjeesanii gatuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
Mataan badiisaa Abiy Ahimed yeroo tokko mormii Faannoo irratti ka’u ittisuuf Faannoon hanga Soomaalee Jijjigaatti bobba’uu danda’a biyya isaati yoo jedhu, Biraanuu Juulaa ammoo waanti Faannoo waliin walitti nu buusu ykn nu lolchiisu hin jiru jedhanii turuun ni yaadatama.

