ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa seenaa ishee keessatti gaaffii lammiileef furmaata taatee kan hin beekne, tuffii fi of-guddisanii ilaaluun qaamolee biroof bakka gadi aanaa qabaachuun wal-qabatees baraa barootaan madda rakkoo ta’uun dirree jeequmsaa taatee lammiileetti ibidda qabsiistee dhaloonni lafaa dhufoon biyyaa fi uummataaf hojjechuuf osoo haamilee qabanii farra ilaalcha siyaasaa keenya qabduun rakkoo keessa seenu.
Har’as gaaffileen bara mootummaa abbaa irree Haayile Sillaasee keessa karaa hojjettootaa fi sochii barattootaan sirnicha mudate bifa walfakkaatuun impaayerrattii keessatti karaa ogeessota fayyaa erga mudatee guyyoota lakkoofssisaa kan jiru yoo ta’u, gaaffiilee mirgaa isaan gaafatan deebisuufis fedhiin keessa isaa kan hin jirre Koloneel Abiy Ahimed, bakkeewwan adda addaatti hidhaa, doorssisaa fi reebicha guddaa geggeessaa jiru cimsee itti fufuun godina Arsii Lixaatii namoonni hedduun hidhaatti guuramaa jiru.
Haaluma kanaanis ogeessonni fayyaa fi barsiisonni yoo lubbuun jiraanne biyyaaf abdii ta’uu dandeenya, kan nyaatee hin bulle haamilee ittiin barsiisus ta’es lubbuu namootaa karaa yaala fayyaan bararuu danda’u hin qabu jedhanii mormii agarsiisaa kan jiran yoo ta’u, Arsii Lixaa aanaalee akka Shaallaa, Siraaroo, Bishaan Gurraachaa fi kanneen biroo keessaa hidhattootni sirnichaa Caamsaa 11, 2025 irraa eegalee bifa addaan hidhaatti guuraa kan jiran ta’uun ibsameera.
Caamsaa 12, 2025 ganamaan aanaa Siraaroo magaalaa Roophii keessaa ogeessota fayyaa 3 fi barsiisota 2 hidhuun beekameera.
Ogeessonni fayyaa kunneenis maqaan isaanii:
- Dr Badhaas Aliyyii
- Dr Mohammed Araarsoo fi
- Dr Adichoo Hassan kanneen jedhaman akka ta’anis addeessaniiru.

