ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu bakka addaa Gooda Ibbee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa kan harki isaanii hawaasa dararuu bare qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Abiree Mararaa,
- Dirribaa Birruu,
- Waasee Xilaahun,
- Habtaamuu Addunyaa,
- Firdiisaa Addunyaa,
- Tolasaa Nagaraa,
- Alamii Nagaraa fi
kanneen biroo baay’inaan 30 ol ta’an irratti reebicha hamaa qaama laalessu raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Qonnaan bultoonni kunneen qaama siyaasaa tokko keessaa hirmaannaa kan qabne yoo ta’an, badii tokko malee jaleewwan Bilxiginnaan maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo mana keetti nyaachifta; mana keessan bira buufatu” jedhuun kan reebaman yoo ta’u,, namoonni reebaman garri caalaan reebicha irra ga’e dandamachuu dadhabuun dhukkuba adda addaaf saaxilamanii jiraachuun ibsamee jira.
Aanicha guutummaa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa sababa hawaasni keessa hin jirree fi kan mataa isaanii uumuun dararaa gara jabinaa raawwachuu itti fufanii kan jiran yoo ta’u, hawaasa ofiifuu sababa finxaaleeyyii Amaaraan akka itti ba’ee galu dhabee rakkatu isaanis dabaree isaanii sarbama mirga namoomaa ulfaataa raawwachaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsamee jira.

