ONM Caamsaa 13, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti milishoonni sirnichaa fi waraanni raayyaa ittisa impaayeerattii waliin ta’uun maqaa sakkattaa WBO jedhuun aanicha guutummaatti bobbaafamanii jiran Caamsaa 11, 2025 jiraattota ganda Utaaltee kan ta’an jaarsolii biyyaa maqaan isaanii:
- Aliyyii Arabuu Hasee fi
- Usmaan Agaa’is
jedhaman iddoo Gaara Utaaltee jedhamutti badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii kan gatanii fi reeffi jaarsolii kanneenii hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti kan hin kaafamne ta’uu jiraattotni ONM’tti himan.
Akka jiraattotni ganda Utaaltee jedhanitti, hidhattootni sirnichaa kunneen namoota manatti argan cufa dhiiraa fi dhalaa, xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne reebuu fi hidhuu waan ta’eef jaarsoliin biyyaa kunneenis iddoo Gaara Utaaltee jedhamutti hawaasa gandichaa waliin ta’uun achitti dheessanii kan turanii fi achumatti loltota maafi’aa PP’n ajjeefamuus jiraattonni dubbatu.
Aanichatti dabalataan hidhattoota sirnichaa kanaan reebichaa fi gochoonni jibbisiisoon hawaasa nagaa irratti dalagamaa kan jiru ta’uu fi keessattuu gandoota akka Harruqqee, Dhaddachaa fi Utaaltee jedhamutti galgala-galgala raayyaa ittisa impaayerattii, milishootaa fi gantoota moonaa qabsoo Bilisummaa Oromoo gananii diinatti galaniin guddeeddaan hawwanii fi shamarran irratti gareen raawwatamu jabaatee itti fufuu ibsaniiru.





