• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti poolisoonni sirnichaa maqaa sakattaan manneen namoota dhuunfaatti seenuun qarshii kuma dhibba saddeetii fi kuma soddomii tokko jiraataa tokko jalaa saamuun dhaga’ame 

May 13, 2025

ONM-ABO Caamsaa 13, 2025 

Caamsaa 4, 2025 irraa eegaluun magaalaa Kamiseetti Poolisoonni sirnichaa maqaa sakattaa jedhuun magaalicha keessa naanna’anii manneen jiraattotaa tokko tokkoon seenanii saamicha ulfaataa geggeessaa akka jiran beekame.

Bifuma kanaanis Caamsaa 8, 2025 jiraataa magaalaa Kamisee kan ta’e, hojii daldalaan kan of jiraachisu nama maqaan isaa Mahaammad Kabbadaa jedhamu Poolisoonni sirnichaa qarshii kuma dhibba saddeetii fi kuma soddomii tokko (831,000) fi piistoo tokko kan inni heyyama seerawaa itti qabu jalaa saamuun, jiraattota biroo irraas meeshaalee adda addaa kan heyyama seerawwaa itti qaban irraa hiikuun dhaga’ame.

Gareen saamtotaa murna maafi’aa PP kunneen wayita saamicha kanneen jiraattota magaalichaa irratti geggeessan sababa ga’aa hin taanee fi goonkumaa waan hin fakkaanne maqaa “Faannoo fi warroota hojii loojistikii Faannoof hojjetan barbaanna jedhuun” manneen sabboontota ilmaan Oromoo sakatta’uun saamicha qabeenyaa daangaa darbe irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading