ONM Caamsaa 13, 2025
Waraanni Israa’el Kibxata har’aa akka jedhetti, hospitaalota kibba Gaazaa hidhattootni Hamaas keessa jiran kan rukutee yoo ta’u, kunis booji’amtootni Ameerikaa fi Israa’eel akka gadhiifamaniif haala mijeessuudha.
Waraanni kun akka jedhetti, “shororkeessitoonni Hamaas gurguddoon” Hospitaala Naaser Kaan Yuunis, magaalaa guddittii kibba Gaazaa Raafaa irraa fagaattee argamtu keessatti wiirtuu ajajaa fi to’annoo godhatanii hojjechaa turan” jedheera.
“Moorichi kan shororkeessitoonni haleellaa shororkeessummaa namoota nagaa Israa’el fi loltoota IDF irratti raawwatan karoorsuu fi raawwachuuf itti fayyadamaa ture,” jedheera.
Miidhaa qaamaa gahuu danda’u irratti odeeffannoon battalumatti hin argamne.
Israa’el Gaazaa keessatti hojii waraanaa dhaabdee turte. Kunis Edaan Aleeksaandar, loltuu ganna 21 lammii US–Israa’el kan Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee booji’amee ture akka gadhiifamu taasiseera.
Aleeksaandar, lammiin Ameerikaa daawwannaa baha jiddu galeessaatti pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp godhan dura Wiixata kaleessaa gadhiifame.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamas-bulchu Wiixata kaleessaa yoo xiqqaate namoonni 2,749 erga Israa’el duula ishee deebiftee booda ajjeefamaniiru, erga waraanni kun gara Onkoloolesa 2023 eegale namootni du’an gara 52,862’tti ol guddateera jechuun AFP’n gabaaseera.


