• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Wallaggaa fi Qellem Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa miseensonni waraana murna Bilxiginnaa baay’inaan 52 ta’an torban lama keessatti WBO’tti harka kennachuu ONM odeeffate

May 15, 2025

ONM-ABO Caamsaa 15, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa humna waraanaa dirqamaan walitti qabuu fi afaan qawween maanguddoota umuriin isaanii waraanaaf hin mallee fi daa’imman umuriin isaanii waraanaaf hin geenye walitti qabuun teessoo isaa ittiin tikfachuuf yeroo garaa garaatti ukkaamsaa jiraatus, humni waraanaa dirqiin ijaarame kun diigamuun isaa jabaatee itti fufeera.

Haaluma kanaanis torban lamaan darban irraa kaasee aanaalee godina Lixa Wallaggaa kanneen akka; Qilxuu kaarraa, Mana Sibuu, Lataa Sibuu fi Qellem Wallaggaa keessaa ammoo aanaa Gaawoo Qeebbee irraa walumaa gala miseensonni waraanaa sabaan Oromoo ta’an baay’inaan 52 ta’an irree fi wabii uummata Oromoo WBO’tti makamuun dhaga’ameera.

Kanneen mooraa waraanaa Bilxiginnaa keessaa miliquun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufan keessaa Farri riphee lolaa fi milishaan walumaa gala 34 fi raayyaan ittisa impaayerattii 18 yoo ta’an, baay’een isaanii qawwee fi hidhannoon kanneen dhufanii fi kaan ammoo uffata isaanii of irraa baasuun miliqanii WBO bira akka ga’anis beekameera.

Hidhattoonni murna Bilxiginnaan dirqamaan hidhachiifaman kuneen nagaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo bira gahuu isaaniitti gammaduun simannaa fi jaalala gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo itti agarsiise hedduu ajaa’ibsiifatanii dhugumaan WBO’n qabsa’aa bilisummaa saba isaatii ta’uu dhugaatti nutti mul’iseera jechuun galateeffatanii jiru. 

Dhuma irratti yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf akka qoodanitti, akka keenya dirqamaanis ta’e maallaqaan goyyomfamanii mooraa Waraana Bilxiginnaa keessatti qawwee fi hidhannoo isaanii qabatanii uummata isaanii gidirsaa kan jiran gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti qawwee fi hidhannoo qabatanii yeroon haa dhufan jechuun dhaamaniifii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading