• Tue. Apr 28th, 2026

Diddaan uummataa seera uumamaati. Yoo mootummaan jiruu fi jireenya uummataa hiraarfama keessa galche, hojii isaa wallaalee uummata lola keessa jiraachise, uummatni didee mootummaa of irraa jijjiiruun mootummaa uummataaf abboomamu ijaarrachuuf mirga itti qaba. Mirgooti dhalli namaa uumamaan qabu, kan mootummaas ta’e qaamni kamuu sharafuu hin dandeenye; mirga lubbuun jiraachuu, mirga bilisummaa, mirga qabeenya horachuu, mirga walqixxummaa, mirga ofiif murteessuu dha. Mootummaan PP mirgoota uumamaan uummatni qabu tokkoo isaayyuu guutuutti hin jirtu, kanaaf uummati didee sirna haaraa tolfachuuf mirga guutuu itti qaba! Haala kanaan:

  1. Mootummaan PP afaan Oromoo dubbachuu qofaan mootummaa Oromoo of-fakkeessee, uummattoota waliin dhahaa yakka raawwata. Bara bulchiinsa PP keessatti; Oromoon guddeessi hiyyoome, gidirfame, ajjeefame, nagaan jiraachuu dadhabee, biyyaa arihatamee, filannoo nagaan jiraachuu dhabee qawwee kaasee akka bosonotti bahu dirqame. Kanaaf, mootummaan kun mootummaa Oromoo ta’uu hin dandahu! Mootummaa lolaa fi yakkaan laaqame waan ta’eef saba kamuu bakka hin bu’u!
  2. Maqaa Oromoo himatee Oromoo yakkamaa taasisuuf dhama’u harkaa rukutamuu qaba! Sabni cunqurfame kamuu haala jiru kana wal hubachiisee, rakkoo keessa jiru keessaa bahuuf rakkoo isaa ofii isaatiin xumurachuu aadeffachuu, wal-dhibdee keessa isaa ofii xumurachuu qaba. Akka aadaa isaatti dhibdee isaa jaarsummaan xumurachuu,
  3. PPn akka qabeenya isaa uumaa fi uumamaa hin saamne dhaabuu, shaqaxa isaan itti fe’anis irraa bituu diduu, ergamtoota gandaas jireenya hawaasummaa keessaa baasuu.
  4. Uummati guddeessi walii isaa gidduutti wal-amantaa horachuun warra PP waliin hidhata qaban mara lagachuu qaba.
  5. Waan gabaa baafatu dursee walitti qabatee yeroo beekamaaf gabaa deemuu diduu, karoora karaa koree baafamuu hordofee fi hubatee yeroon hojii irra oolchuu.
  6. Wal-gahii fi hiriira PPn waamtu dhaquu diduu, yoo haalli isa dirqee wal-gahii dhaqe ammoo yaada kennuu diduu, ergamtoota PPf amanamaa ta’an dubbii isaanii irraa hubatee harka lafa jalaan tarkaanfii irratti fudhachuu, wal-gahii keessatti gumgumuu, wacuu fi jeequu, bakka haalli aanjawetti waltajjii jarri qopheessan irraa fudhachuun gochaa hammeenyaa isaan dalagan saaxiluu;
  7. Ergamtoota PP cidhaa fi du’a gahii ishees tahe maatii ishee lagachuu.
  8. Ilmaan ofii lolaaf waraanatti akka hin kennamne diduu fi dhorkachuu.
  9. Bulchinsa PP lagatuu, ajaja isaanii diduu, laaffisuu, yakkaa fi shira isaan dalagan saaxiluun ummata jibbisiisuu, fudhatama isan dhorkachuun akka sabboonaan Oromoo ummataaf yaadan bakka sana qabatanii rakkoo umataa furan irratti hojjechuu,
  10. Ogeeyyiin fayyaa, barsiistoti, hojjeettooti waajiroota adda addaa keessaa hojjetan akka hojii irraa hafan, hojii qabaneessan, wal ijaaranii falmaa itti fufan gochuuf wal gurmeessaa! wal jajjabeessaa!  

Injifannoo Ummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading