Yeroon Itti Kaanu Amma!
Ka’aa! ka’aa! Haa kaanu!
Dammaqaa haa dammaqnu! Daandii kiiloo Meetira Kumaa, Tarkaanfii tokkoon eegalama! Karaan hagamu dheeratu,
Maniin akkamuu fagaatu, Amna keenya haa eegllu!
Fala waliif haa fallu!
Falmaa! Falmaa! Falmaa Yeroon itti kaanu amma!
Falmaa! Falmaa! Falmaa! Yeroon Itti Kaanu Amma!
Yeroo ogeeyyiin fayyaa mirga dhala namaaf sosso’aa jiran keessatti rakkoon isaanii rakkoo keenya jechuun dirqama! Uummati beelaan mar’immaan isaa qooqee, hiraarfama lolaan sammuun hadoodee, ibidda Droonii fi meeshaa gurguddaan qe’een isaa manca’ee rakkachaa jiru keessatti, onneen gochaa hammeenya PPn cabee, hidhaa keessatti yeroo dararamaa jirru keessatti yoo waliif hin owwaanne yoom waliif owwaanna?
Ogeessoti fayyaa fakkeenya gurmaahinaa fi qabsoo ta’anii daandii nuuf saaqan. Daansiin kunis gara barsiisotaa fi uummata guddeessatti tarkaanfachuu qaba! Mormii lubbuu ofii jiraachisuu kana keessatti hirmaachuun badii irraa wal baraaruu dha! Humni Uummataa humna Murtteessaa dha! Yoo amma hin kaane yoom kaana?
Ka’aa ka’aa haa kaanu!
Cunqursaa of irraa haa dhaabnu!
Uummatni keenyi beelaan dararamaa? Falmaa! Falmaa! Ammas falmaa! Uummanni keenya jiruu dhabee,
Qe’ee isaa irratti dararamee!
Rasaasaa fi Drooniin waadamee!
Mootummaan saba keenya ajjeesuu yoom dhaaba!? Dhiphinni uummata keenya yoom dhuma!
Uummata koo, ka’i haa kaanu!
Sirna faashistummaa kana irratti haa fincillu!
Ka’aa bilisummaa fi haqaaf!
Kabajaa fi ulfina namummaaf!
Ka’aa egeree dhalootaa haa tikfannu! Haqaaf tokkummaan haa kaanu!
Tokkummaan keenya injifannoo fida! Yaa uummata keenya. Didaa! Didaa!
Hin cal’ifnu, hin jilbeeffannu!
Bilisummaan keenya haa goonfannu!
Falmaa! Falmaa! Falmaa!
Yeroon itti kaanu ammaa!
Injifannoo Ummata Oromoof!
