ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Akka fedhee fi yeroo fedhetti dararaa addaa addaan uummata gidirsaa kan jiru murni badii Bilxiginnaan Caamsaa 14, 2025 aanaa Meettaa Wal-Qixxee magaalaa Minaaree keessatti uummata dirqiin waltajjii baasuun sochii WBO hordoftanii nutti himuu qabdu, har’a irraa eegalee tokkoon tokkoon keessan fiingee bitadhaatii yeroo WBO’n asiin darbu itti afuufaa, namoonni kana hin goone garuu tarkaanfiin isin irratti fudhatama jechuun doorsisaa turuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Karoorri bulchiinsa isaanii cufti duguuggaa fi dararaa uummata Oromoo kan ta’e lukkeeleen PP kunneen uummata nagaan WBO quunamtu, ni nyaachistu, ni deggertu akkasumas ilmaan keessantu keessa jira jechuun hiraarsaa kan jiran keessattuu rakkoon akka aanaa Meettaa Wal-Qixxeetti adeemaa jiru yaaddoo keessa isaan galchee akka jirus jiraattonni rakkoo keessa jiran ONM’f yaada isaanii qoodaniiru.
Waraana Bilisummaa Oromoo lolaanis, ta’e hololaan injifachuu kan dadhabe koloneel Abiy Ahimed saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa uummatatti duulchisuun burjaajii uumuuf halkaniif guyyaa ajandaa xixiqqoo bocee gadi bahuun hiraarsaa addaa addaas raawwachaa jira.


