ONM-ABO Caamsaa 16, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, Hindiin waliigaltee daldalaa Ameerikaan “tariifa hin qabn” jettee yaada dhiheessite fudhachuuf deebii laachuu ibsiteetti.
New Delhiin US waliin waliigaltee daldalaa guyyoota 90f Ebla 9tti michoota daldalaa gurguddoof daballii taarifaa irratti ifoomsan keessatti, kan Hindii irratti taarifa dhibbeentaa 26 of keessaa qabu irratti ibsanii turan.
“Bu’uuraan jechaa jechaatti taarifa tokkollee nu gaafachuuf fedhii akka hin qabne nuuf dhiyeessaa jiru,” jedhan Traamp walgahii hoggantoota Dohaa waliin taasisaniin.
Ameerikaan michuu daldalaa guddaa yoo taatu, daldalli biyyoota lamaanii bara 2024tti walumaa galatti gara doolaara biiliyoona 129ti. Yeroo ammaa kana daldalli kun Ameerikaa waliin Hindiin doolaara biiliyoona 45.7 caalti jechuun Rooyiters gabaaseera.

