Ummata Keenya Kabajamaa,
Yeroo weerarri koronaa biyya keenya sodaachise, balaa irraa si baraaruuf tarree fuuldura irratti hiriirre. Akka hojjetaa fayyaatti qofaa osoo hin taane, akka dhala keessaniitti lubbuu keenyaa dursinee isiniif kennine hojjenne. Bara sodaan namaa vaayirasii calaa faca’aa ture keessatti nuti isin waliin dhaabbachuf takkaa hin sodaanne. Jireenyi qananii osoo nuuf maluu takkaa gaafannee hin beeknu,
Har’a garuu, waa si gaafachuuf dirqamne,
Nuti jireenya qananii addaa gaafachaa hin jirru. Nuti lubbuu ofii fi uummata keenyaa jiraachisuuf akka nu waliin dhaabbattu si gaafanna! Nyaata dhabne! Jiraachuu dadhabne! Ilmaan keenyaaf nyaata bituu dadhabne! Ba’aa kana baannee afuura baafachuu hin dandeenye! Osoo nuti gaaffii jiraachuuf deebbii eegnuu, mootummaan garuu deebii arrabsoo, dararaa fi hidhaa nuuf kenne.
Yaa uummata keenya,
Yaa uummata keenyaa, nuti yeroo hunda si tajaajilaa turre, ammas itti jirra. Mootummaan garuu, gaafa rakkinaa fi dhiphina isaa “gootota” nuun jechaa ture, har’a ammoo gaafa gaaffii mirgaa gaafannu mana hidhaatti nu darbaa jira. Warri gaafa dhibee dhokachaa ture, har’a lubbuu keenya akka hin baraarre harkaa fi miila nu xaxaa jira.
Yaa Waraana, Poolisii Federaalaa fi Aangawootaa
Nuti diina keessan miti. Nuti ijoollee keessani. Yeroo miidhamtan nuti isin wal’aana. Yeroo maatiin keessan dhukkubsatan nuti isaan gargaara. Falmiin nuti gaggeessaa jirru nu qofaaf osoo hin taane, uummata maraafi, isin hundaafuu falmaa gaggeessaa jirra. Dirqama waraanummaa, polisii fi seeraa qabdan kun akka ulfna hojii keessaniitti mindaan madaalawaa kan jiruu keessan moohachuu isin dandeessisu argattaniifi. Yoo waldhaantoti fayyaa biyya tokkoo kufan, biyyis dhukkubsatee ni kufa. Biyyi waldhaanaan isaa cabe fayyaa argachuu hin dandahu.
Artiistootaa, Aktivistootaa fi Namoota Beekamoo
Amma eessa jirtu? Bara rakkinaa sana keessa hojii keenya maxxansitan, seenaa keenya waliif qooddanii, “gootota” nuun jettanii hordoftoota fi beekamtii argattan. Amma garuu yeroo sagalee keessan barbaadnu, maaliif calliftan? Yeroo gaafa kolfaa fi namni harka waliif dhahu qofaa dubbattuu? Moo gaafa nuti haqaa fi jireenyaaf iyyaa jirru akkuma callistanitti haftu?
Ogeessota fayyaa keenya nu irraa hin hidhiinaa! Isa nu fayyiseef fi nu fayyisuuf sagalee taana! Akka sagaleen keenyi dhaga’amu wal haa gargaarru!
Kun dhimma ogeeyyii fayyaa qofaa miti. Kun dhimma haqaati! Kun dhimma lubbuu jiraachisuuti! Nuti siif dhaabbanna! Isin nuuf dhaabbattuu? Waliin waliif haa dhaabbannu!
