• Mon. May 4th, 2026

Sirna Abbaa Irree Of-Irraa Kaasuuf, Ammumaan Hojiiwwan Armaan Gadii Irratti Qiyyaafadhu!

May 16, 2025
  • Ummatni cunqurfame qorqalbii of-irratti amantaa, murannoo fi dandeettii qabsoo isaa akka cimsatu irratti hojjedhu;
  • Garee fi marabbaalee hawaasaa bilisaa ta’an,  kan ummata cunqurfamaa bakka bu’an jabeessii ijaari;
  • Aannisa humna mormii jabaa uumii fi diriirsii;
  • Karooraa fi tarsiimoo waliigalaa gara bilisummaatti nama geessu kan ogummaadhaan hojiitti hiikamuu qopheessi, hojii irras oolchi.

Yeroon qabsoo bilisummaa gaggeeffamu, yeroo ittiin of-irratti amanamummaa fi keessoo hawaasa ofii ittiin jabeeffatan dha. Jabaa kee jabeeffachaa, laafaa kee cimsachaa of-irratti abdiin tarkaanfachuu ala fala hin qabdu!

“uummati mootummaa dhugeeffachuu ykn irratti hirkachuu hin qabu… kan dhugeeffachuu qabdu murannoo kee qofaa ta’uu qaba… waliin dhaabbachuun, waliin ijaaramuun of-gargaari – hawaasa keessaa warra cunqursaan miidhe jabeessaa… waliin ijaaramaa, wal gurmeessaa, wal ijaaraa, wal-gootomsaa fi qindeessaa tarkaanfachuun ni moohatta… yoo akka sabaatti jabaattanii mootummaa raastan qofa gara furmaataatti deemuu dandeessu.”

Raaste hamaa fi gaarii adda baasta. Humni mormii jabaa, kan of-iratti amantaa qabu, tarsiimoo bilchaataan masakamu, naamusa akka sibiilaa qabuu fi tarkaanfii gootummaa fudhatu, cichoomina haqaan itti bobbahe, dhuma irratti abbaa irree ni burkuteessa. Kun akka mirkanaahu ammoo qabxiilee afran olitti xuqaman itti fufiinsaa, otoo adda hin kutiin irratti hojjechuun dirqama. 

Injifannoo Ummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading