• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti loltoonni faashistii PP dargaggoota ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himame

May 19, 2025

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa bulchiinsa magaalaa Maqii keessatti torban darbe irraa eegaluun jaleewwan Bilxiginnaa dargaggoota jumlaan ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, magaalicha keessa sabaa fi sab-lammoonni garaa garaa kan jiraatan yoo ta’u, addatti ammoo dargaggoota Oromoo fi uummatoota Kibbaa kanneen hojii guyyaa hojjetanii of jireessuuf garas imalan irratti xiyyeeffatanii qabuun waajjira poolisii galchanii hidhuun guyyoota muraasa booda achi keessaa baasanii gara mooraa leenjii waraanaatti geessaa jiraachuu maddeeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Koloneel Abiy Ahimed wayita gara aangootti dhufee kaasee umurii teessuma siyaasaa isaa dheereffachuuf jecha ilmaan hiyyeessaa faayidaa dhuunfaa waanuma xiqqoo dura qabee gowwomsuun akkasumas, fedhii isaanii malee humnaan gara leenjii waraanaatti guuruun ilmaan namaa qoraan ibiddaa gochaa jiraachuun ni beekama. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading