• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti saamichaa fi hidhaan ergamtoota Bilxiginnaan hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe 

May 19, 2025

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Noolee ganda Samarroo Acoo jedhamu keessatti lukkeeleen PP armaan dura ijaarsa waajjira gandaatiif dhagaa fi cirracha binna jechuun jiraattota irraa dirqamaan qarshii hedduu erga guuranii booda, wantoota jedhame kanas hawaasni humna isaatiin baasee akka dhiyeessuuf dirqamsiisaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kanumaan wal qabatee, jiraattota gandichaa keessaa namni maqaan isaa Jaallataa Cawwaaqaa jedhamu, “erga humna keenyaan hojjenna ta’ee qarshii keenya nuuf deebisaa” jedhee gaafannaan; “siyaasa haasofte” ittiin jechuun torban darbe guutummaa waajjira poolisii aanichaatti erga hidhanii booda wabiidhaan gadi lakkisanii mana murtiitti akka dhiyaatu taasisanii jiraachuun beekameera.

Kana malees, aanichatti hidhaa, saamichaa fi doorsisni garaa garaa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiraachuus jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading