ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Caamsaa 18, 2025 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gololee Tamsaa bakka addaa Canqaatti dargaggeessi tokko loltoota faashistii PP’n qabamee ajjeefamuu jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.
Dargaggeessi loltoota gara jabeeyyii kanneeniin ajjeefame kunis maqaan isaa Gammachuu Haayiluu kan jedhamu nama ganna 25 yoo ta’u, waraanni aanaa Qarsaa Maallimaa irraa bobba’e ganama sa’a 3:00’tti qabuun osoo maatiin ilmi keenya yakka raawwate hin qabu jedhanii bo’anii kadhatanii miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jechuun akka ajjeesanis dubbatu.
Oduu hidhaatiin ammoo ganda Dhukaat irraa namoota lama kanneen maqaan isaanii:
- Boshaa Tulluu fi
- Botoraa Asheetuu
jedhaman qabuun reebicha irratti raawwachuun fuudhanii akka deeman addeeffameera.
Kana malees ganduma Dhukaat irraa loon 14 namoota afur jalaa ooffatanii kan deeman oggaa ta’u, namootni loon jalaa oofame kunneenis maqaan isaanii:
- Obbo Milkeessa Nagaashuu jalaa loon 4,
- Obboo Milkeessaa Bashaadaa jalaa loon 4,
- Obbo Asheetuu Simee jalaa loon 4 fi
- Obbo Jamboonaa Shorgaanaa jalaa loon 2 ooffachuun akka deeman ibsameera.
Obbo Milkeessaa Nagaashuu qabeenya isaa erga saamanii boodas haadha warraa isaa daa’imman ishee waliin ukkaamsanii yakkoota mirga namoomaa adda addaa irratti raawwachuus dabaluun himaniiru.

