• Wed. Jan 14th, 2026

Murni faashistii PP Godina Jimmaa Aanaalee Godinichaa keessatti qophii filannoof maqaa jedhuun burjaajii uumaa jiraachuun ibsame 

May 20, 2025

ONM-ABO Caamsaa 20, 2025 

Bulchiinsa impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummatni akka sagalee isaa karaa diimookiraatawaa hin kennanneef daangaan adda addaa kan tolfamu ta’us, daandiin kun nagaa akka hin buusne beekuun daandii sirriin filannoo haqa qabeessa geggeessuu irra har’as qophii filannoo maqaa jedhuun hololli geggeeffamuu eegaleera.

Naannoolee filannoon itti geggeeffaman irra hedduu keessatti sagalee lakkaa’uun xumura isaa bulchiinsuma aangoo irra jiru mo’achuun isaa kan mirkaneeffamu yoo ta’u, tibbana ammoo akka waan haaraaf uummatni morkii keessatti argutti maqaa filannoo bara dhufuuf jedhuun lukkeeleen PP godina Jimmaa aanaalee godinichaa 21 keessatti burjaajii uumaa akka jiran jiraattonni dubbatu.

Yeroo ammaa kanas akka jiraattonni onoota Jimmaa himanitti lukkeeleen PP  baadiyyaa onichaa keessa deemuun “GPS CORDINATE” fudhachaa akka jiranis kan himan oggaa ta’u, namoota yaadota mormii kaasanii fi miseensa paartii Badhaadhinaa hin taane cufa ukkaamsuun hidhaa akka jiranis dabalataan himaniiru.

Keessattuu yeroo itti uummanni godinichaa paartiin badhaadhinaa gaaffilee uummata Oromoo gulantaa haarawwaatti jijjiiruudhaan qabsoo sabichaas karaa nagaa fi maree siyaasaatiin furee mirga diimokiraasii fi hiree murteeffannaa sabichaa akkaataa akeeka qabsoo ganamaatti kabachiifanutti guufuu ta’uun jireenya uummataa iyyuu hundeen diigee godina Jimmaa keessatti awwaala, manneen amantii fi jiraattotaa maqaa misooma magaalaan diiguun ni yaadatama.

Manneen uummataa maqaa koridariin beenyaa malee diigamuu cinatti namoonni nagaan maqaa deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhamuun manneen hidhaatti hiraarfamuun abdii kutannaa keessa isaan galchuus himuun, filannoo haqaa nuti eegnus hin jiru, Bilxiginnaan jijjiirama hunda galeessa faayidaa hawaasa bal’aaf ta’u fidan jenne eegnu hin jiru jechuun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading