• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan 

May 21, 2025

ONM-ABO Caamsaa 21, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Haroo Folaa irraa Caamsaa 18, 2025 waraanni maafiyaan PP namoota maqaan isaanii:

  1. Dargaggoo Jarman Alamuu fi
  2. Obbo Baacaa Oljirraa 

jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii deemuun waajjira poolisii aanaa Saasiggaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni hidhaman kunneen siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi geggeessitoota mana amantaa Kiristaanaa ta’uu himuun, maqaa obboloota keessantu bosona jira miseensa WBO’ti jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun, Caamsaa 19, 2025 ammoo obboleessuma dargaggoo Jarman kan ta’e, namni maqaan isaa Addisuu Alamuu jedhamu obboleessa isaa mana hidhaatti dubbisuuf oggaa gara waajjira poolisii aanichaa dhaqu; isas sababa tokko malee dabalataan hidhaatti darbatanii jiraachuun eeramee jira.

Addisuun, yeroo dhihoo kana bultii kan dhaabbatee fi akkuma obboleessa isaa amantaa malee siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo bilbila quunnamtii isaa harkaa fuudhanii nama inni hin beeknetti erga bilbilanii booda, sababa sobaa “WBO quunnamta” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading