• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Gachiitti ogeessonni fayyaa rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun himame

May 22, 2025

ONM-ABO Caamsaa 22, 2025 

Murni garboomfataan Bilxiginnaa hojjettoonni isaa hiriira irratti ba’uun rakkoo qaban ifatti sagalee isaanii dhageessifachuu hordofee, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti gubbaa hanga gadiitti ogeessota fayyaa walga’ii baasuun doorsisaa fi hiraarsaa adda addaa irratti raawwachaa jira. 

Buufata fayyaa aanaa Gachiitti ergamtoonni Bilxiginnaa ogeessota fayyaa irraa sodaa waan qabaniif gowwomsuu fi sobaan waadaa adda addaa galuun rakkoo impaayerattii mudate baraaruuf ifaajaa kan jiran yoo ta’u, ogeessota buufata fayyaa aanichaa hunda walga’ii baasuun “misooma koridariif dhibbantaa 10 kutuu qabdu; nama hojii lagate immoo tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti fudhanna” jechuun doorsisuun ogeessa ofiifuu rakkanne jechuun gaaffii kaasaa jiran    dirqamaan qarshii irraa kutaa jiraachuu itti dabaluun himanii jiru.

Ogeessi fayyaa ONM dubbise tokko akka jedhutti, maqaa ‘buusaa gonofaa’ jedhuu fi maqaa adda addaa waliin isaa hin beekamneen kaffaltiin nurraa citaa jira, qarshii jireenya keenya ammaa waliin hin deemneedha jedhe.

Kana biratti Kaabinoonnii fi loltoonni Bilxiginnaa arrabsoo qorqalbii keenya miidhuun mataa nu cabsuun doorsisa adda addaa nu irratti raawwatu. Kaffaltii duraan kan halkanii kaffalamaa ture, amma nurraa dhaabbate. Ogeessonni fayyaa fi hojjettoonni hundi irree tokkoon kaanee mormii keenya yoo itti fufne jijjiirama hundi irraa fayyadamu taasisuu ni dandeenya jechuun himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading