• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii Aanaa Sulultaa keessatti murni PP barsiisotaan lafa manaa isiniif kennina jechuun maallaqa iraa guuraa jiraachuun dhaga’ame

May 23, 2025

ONM-ABO Caamsaa 23, 2025 

Aanaa Sulultaa bulchiinsa magaalaa Caancoo keessatti murni PP barsiisota onichaaf lafa manaa kanaan dura tola kennameefii ture, erga walga’iin barsiisotaa geggeeffamee asitti ammoo beenyaa malee fudhachuu hin dandeessan jechuun qarshii isaan kaffaluu hin dandeenye itti muruun saamicha irratti geggeessaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Barsiisota kanneeniinis qarshii kuma dhibba tokkoo fi kuma shantama kaffalaa jechuun gatii galmeef ammoo qarshii kuma digdamii sadii, walumaagalatti qarshii kuma dhibba tokkoo fi kuma torbaatamii sadii akka kaffalan dirqisiisanii fuudhanis, lafti kennameef akka hin jirres dubbatu.

Akka barsiisonni kunneen jedhanitti  miindaan nuti argannu 5,500-10,000 suniyyuu waan ittiin jiraannu hin taatu, nuti ciree nyaannee laaqanaaf ammoo daabboo qofa fayyadamna sanarra darbee kanneen maatii jiraachisantu jira jechuun maallaqa gaafataman kana illee kan kaffaluu hin dandeenye hedduu ta’uu ONM’f eeranii jiru.

Gareen faashistii PP kun waggaa 4 duras mana jireenyaa Finfinnee keessaa isiniif laanna jechuun hojjettoota mootummaa magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee maallaqa miliyoona walakkaa qusachiisuun baankii Siinqee ittiin banachuun nuti hin jenne jechuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading