• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti hidhaa fi dararaan murna Bilxiginnaan uummata irratti taasifamu jabaachuun dhaga’ame

May 29, 2025

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa Goorgisii bakka addaa Odaa jedhamutti ergamtoonni sirna moofaa impaayerattii deebisanii ijaaruuf halkanii fi  guyyaa dhama’an Caamsaa 27, 2025 barii barraaqaan gara gandichaatti bobba’uun manneen uummataa keessaa fi bakka hojii isaaniitii dirqamaan qabuun maqaa ijaarsa waajjira gandaa deebisanii haaressuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1000 fi muka ijaarsaaf tolu 4 qabatanii guyyoota muraasa keessatti ijaaranii akka fixaniif dirqama itti gochuun ibsameera.

Oduu hidhaatiin ammoo aanichuma keessatti jiraattuu ganda Amuumaa Goorgisii kan taate shamarree ganna 18 maqaan ishee Kumee Masgabuu jedhamtu ergamtoonni Abiy Ahimed kunneen balleessaa tokko malee mana maatii isheetii ukkaamsuun baatii tokkoo fi torban tokko hidhuun dararaa ulfaataa erga irratti raawwataniin booda abbaa ishee kan ta’e Obbo Masgabuu Haayiluu qabanii shamarree Kumee gadi lakkisanii jiraachuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Akka maddeen ibsanitti Obbo Masgabuun hariiroo qaama siyaasaa kam irraayyuu walaba ta’uu fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun maatii isaanii jiraachifachuu akkasumas hawaasa naannoo isaanii biratti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa kan qaban yommuu ta’u, ergamtoonni sirnichaa kan hawaasa Oromoo cunqursanii ofiif qofa  jiraachuu aadeffatan ammoo hidhata Waraana Wilisummaa Oromoo qabda jechuun sobaan yakkanii akka hidhan jiraattonni ONM’f himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading