ONM-ABO Caamsaa 31, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii uummata Oromoo lafa irraa duguugee mancaasuuf akeeka diinaa qabatee abjuu sirna moofaa dhugoomsuuf halkanii fi guyyaa ifaaju aanaa Bachoo ganda Uraagoo Xaddeetti hidhattoonni sirnichaa mooraa waraanaa aanaa Sadan Sooddoo fi Sooddoo Daaccee irraa kaleessa Caamsaa 30, 2025 ganama barii sa’a 2:00’tti bobba’uun nama maqaan isaa Obbo Alloo Urdeessee jedhamu jalaa qotiyyoo 2 ooffatanii deemuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa kunneen ONM’f addeessanitti Obbo Alloon nama hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuun maatii isaanii jiraachifachuu malee hariiroo qaama siyaasaa akkasumas deggersaa fi mormii paartii kamiiyyuu keessatti kan qooda hin fudhanne yommuu ta’an ergamtoonni koloneel Abiy Ahimediin qofa barcuma irratti tiksuuf bobbaafaman immoo maqaa olaantummaa seeraa kabachiisna jedhu sababeeffachuun hawaasa nagaa irratti dhiibbaa ulfaataa geggeessaa jiru.
Kana malees guyyaadhuma kana gandicha keessatti ergamtootni sirnichaa haawwan Oromoo lama kanneen maqaan isaanii:
- Aadde Zinnoo fi
- Aadde Biraanee Urgeessaa
jedhaman lamaanuu kanneen umriin isaanii ganna 30 ol ta’e manaa fi horii humna ittisaa WBO nutti agarsiisuu diddan jechuun reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti kan raawwatan yoo ta’u yeroo ammaa haalli fayyummaa haadholii kanaa haalaan yaaddessaa ta’uus jiraattonni dabalataan ONM’f ifoomsanii jiru.



