• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Baalee Lixaa Aanaa Dinshootti maqaa misooma adda addaa sababeeffachuun hawaasa irraa maallaqa saamaa jiraachuun dhaga’ame

Jun 1, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025 

Sirni garboomfataan saamicha hawaasa Oromoo irratti bobba’uun bara aangoo isaa dheereffachuuf dhama’u godina Baalee Lixaa aanaa Dinshoo gandoota cufa keessatti maqaa ijaarsa waajjiraalee gandaa fi daandii gandoota baadiyyaa isiniif tolchina jedhuun hawaasa gandichaa mara irraa qarshii 700-1000 dirqisiisanii afaan qawween saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni aanichaa jedhanitti yeroo adda addaatti maqaa bu’uuraalee misoomaa isiniif guunna jedhuun saamicha bifa adda addaa taassisaa kan turan saamtonni kunneen, tibbana ammoo tooftaa hannaa fi saamichaa haaraa bocachuun gandoota aanichaa cufatti waajjira gandaa isiniif ijaarraa fi daandii konkolaataa isiniif galchina jechuun konkolaachistoota hunda daandii irratti dhaabuun saamaa akka jiranis dabalataan ibsameera.

Murni Bilxiginnaa biyyaaf bu’aa buusuu irra biyyichatti ba’aa ta’uun hawaasicha irratti gabrummaa dachaan dabaluuf jecha dararaa ulfaataa daangaa hin qabne geggeessaa jiraniin kutaalee Oromiyaa mara keessatti mancaatii fi saamicha qabeenyaa akkasumas hiraarsaa bifa garaa garaan irratti taassisuu irrayyuu darbee hanga lubbuu isaa galaafatanitti miidhaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading