ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025
Ministirri Ittisaa Yunaayitid Isteets Pet Hegset Sanbata kaleessaa madaallii aangoo Indoo-Paasifiik keessatti irra deebiin ajajuuf Chaayinaan ”humna waraanaa fayyadamuuf qophii amansiisaa” geggeessaa jiraachuu kaasuun akeekkachiisaniiru.
Hegset waltajjii ittisaa jalqabaa Eeshiyaa Shangri-La Singaappoor keessatti geggeeffamaa ture irratti haasawa taasisern dubbii kana dhageessise.
Waraanni Chaayinaa naannichatti rakkoo uumuuf socho’aa jira,” jedhan hogganaan Peentaagoon, naannoon Indoo-Paasifiik bulchiinsa pirezidaant Doonaald Tiraamp’f xiyyeeffannoo dursa akka ta’e ibsuun.
“Nuti irra dibuuf hin deemnu — balaan Chaayinaan fiddu hin oolu. Akkasumas dhihoo ta’uu danda’a,” jedhan.
Hegset michoota Waashingitan naannoo Indo-Pacific keessatti dhiibbaa waraanaa fi dinagdee guddachaa jiru Beejiing irraa dhufu furuuf akka hin gatamne mirkaneesseera.
Michoonni Eeshiyaa baasii ittisaa ofii isaanii akka jabeessan waamicha dhiyeessee, ”ittisni gatii salphaadhaan hin dhufu” jedheera jechuun Doochi Waleen gabaaseera.

