ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025
Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa ganda Burqaa Jaalalaa keessatti Caamsaa 30, 2025 ergamtoonni sirnichaa ilmaan Oromoo wal-dhibdee tokko malee waliin jiraachaa turanii fi jiraachaa jiran gidduutti garaa garummaa uumuun, gariin ofitti qabuun gariin ammoo “qarshii nuuf kaffaluu diddan” jechuun diinomsanii tajaajila bishaan dhugaatii dhorkachuun hiraarsaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aanicha keessatti sarbamiinsi mirga namoomaa lammiilee nagaa irratti raawwatus daran jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.
Tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraachuu uummata Oromoo kan hin jaallanne ergamtoonni Bilxiginnaa, bu’aa siyaasa isaaniif jecha obboleeyyan ilmaan Oromoo walitti buusuun hojii dabaa raawwachaa jiru.

