ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025
Prezidaantiin Yukireen Voldaamer Zeleniskiin Wiixata har’aa biyyi isaanii Yukireen walgta’an Istaanbul keessatti gaggeeffamu irratti akka hirmaatu ibseera.
“Ani walgahii Istaanbul keessatti har’a qooda nan fudhadha jechuun duratti jechuun Zelenskyy waa’ee walga’ichaa Telegram irratti qondaaltota isaanii waliin erga wal arganii booda barreesseera.
Itti dabaluudhaanis jilli Yukireen ammas Ministira Ittisaa Yukireen Rustem Yumeroviin akka hoogganan himaniiru.
Gama biraan deebii haleellaa Raashiyaan Keev irratti taasisaa jirtuuf Yukireen haleellaa taasisteetti.
Ejensiin nageenya biyya keessaa Yukireen, SBU, Dilbatuma kaleessaa xiyyaarota waraanaa Raashiyaa 40 ol irratti haleellaa diroonii guddaa raawwachuu isaa qondaalli SBU kun Rooyitarsitti himeera.
Maddi kun maqaan isaanii akka hin dhahamne kan dubbate yoo ta’u, xiyyaaronni rukutaman kun TU-95 fi TU-22 boombi darbataa tarsiimoo yoo ta’u, Raashiyaan Yukireenitti misaa’ela fageenya dheeraa dhukaasuuf itti fayyadamaa turuu Rooyiters gabaaseera.

