• Thu. Apr 30th, 2026

Uummatni Rakkate Akka Waraana Sooruuf Dirqamaa Jira!

Jun 2, 2025

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraatti Loltooti PP guyyoota afuriif gandoota baadiyyaa keessa sochii taasisuun saamicha qabeenyaa, namoota ukkaamsuun hidhuu fi maqaa ijaarsa gandootaan doorsisa ulfaataa geggeessan. Ganda Guyyoo Daallee jedhamu keessaa uummataan Wiixataa fi Kibxata dhufutti qarshii 100, buddeena sadii fi meeshaalee ijaarsa gandootaaf barbaachisu qabattanii akka dhiyaattan jechuun akeekkachiisa uummatatti kennanii jiru.

Jiraattonni aanichaa gandoota baadiyyaa fi bulchiinsa magaalaa martinuu qarshii 1000 kan akeekni isaa hin beekamne akka baasaniif dhiibbaan godhamaa jira.

Uummata nyaatee buluun isa rakkise kana, kan lolli dinagdee isaa laamshesse, sirni abbaa irre kun loltuu itti bobbaasee saamisaa fi mirga namummaa isaa akka sarbamu qaamaa qalbiin miidhaa ulfaataa irraan gahaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading