Abdii kutataan sirna PP godina Arsii lixaa aanaa Siraaroo ganda Qooqaa Arraatii jedhamu dargaggoo maqaan isaa Fayisaa Agabaas Leencoo jedhamu Caamsaa 29, 2025 haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoon kun badii isa ajjeesisu qabaateef osoo hin taane, poolisichi haaloo dhuunfaa irraa qabu irraa ka’uun kan ajjeese ta’uu jiraattotni dabaluun himaniiru. Haga gabaasni kun qindaaheetti namni ajjeechaa gggeesse kunis tohannoo seeraa jala kan hin oolle ta’uun ibsameera.
Bifa wal fakkaataan waraanni PP Lixa Wallaggaa aanaa Hoomaa keessatti halkan shamarree tokko raasaasaan ajjeesuun diina seenee ajjeesne jechuun lubbuu namaatti qoosaa jiraachuu isaanii gabaasafamuun ni yaadatama.
