ONM-ABO Waxabajji 3, 2025
Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Abakuu Aannoo jedhamu keessatti Caamsaa 30, 2025 jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota gandichaa guutummaa dirqamaan wal-ga’ii baasuun nama tokko irraa qarshii 1,000 afaan qawween sodaachisanii saamaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, saamichi kun maqaa gosa kaffaltii fi nagahee kan hin qabne yoo ta’u, hawaasni harka qalleeyyiin qarshii kana kaffaluu hin dandeenyes hidhaatti guuramaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Faashistichi Abiy Ahimed kufaatii dinagdee impaayerattii mudate irraa ka’uun ergamtoota isaa kanneen garaa isaanii guuttachuuf qofa jooraniif maallaqa kaffalu oggaa dhabu qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun saamicha qabeenyaa daangaa darbe raawwachiisaa jira.

