• Thu. Mar 19th, 2026

Naannoo Amaaraa Aanaa Bureetti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo gara jabinaan ajjeesan

Jun 3, 2025

ONM-ABO Waxabajji 3, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa murna Bilxiginnaan gargaaramanii qawwee hidhatan jibbiinsa ilmaan Oromoof qaban ifatti mul’isuun Oromiyaa keessaa fi alatti haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii qabeenya saamuun irbaata bineensaa gochaa jiru.

Naannoo Amaaraa aanaa Buree ganda Caaboo bakka addaa Ixaanaa jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa hawaasa Oromoo lafa irraa duguuguu kaayyoo jalqabaa taasifachuun socho’an Caamsaa 23, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Taakkalaa Geetaa fi 
  2. Obbo Baabbee Humnaa jedhaman haala nama suukkaneessuun ajjeesuun himameera.

Aanicha keessatti finxaaleeyyiin kunneen jibbiinsa ilmaan Oromoof qaban irraa ka’uun meeshaa waraanaa isaan qarshii dhuunfaa isaaniin bitatan irraa hiikaa kan jiran oggaa ta’u, meeshaa isaa erga irraa fuudhanii hawaasa meeshaa of harkaa hin qabne ajjeesuu irratti fuulleffatanii jiraachuun ibsameera.

Bakkichatti gochaan walfakkaataan akkasii irra deddeebiin mul’ataa turuu fi ilmaan Oromoo achitti argaman ofii fi qabeenya isaaniif yaaddoo hamaa keessa jiraachuun isaanii baramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading