• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa nagaa hiraarsuu hammeessan

Jun 4, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025 

Baha Harargee araddaa Firii Qabsoo keessatti “uummanni Lixa Harargee irraa dhuftan hundi miseensa WBO waan taataniif Harargee Bahaa keessa hin jiraattan” jechuun maanguddoo haadha ilmaan 9 Aadde Kadijjaa Abdurrazaaq nama jedhamtu Caamsaa 29, 2025 milishoonni sirnichaa badii tokko malee reebicha ulfaataa irratti raawwatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Kadijjaan abbaa warraa malee ilmaan 9 kan guddistuu fi siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo taatu, ergamtoonni sirnichaa garuu “ati rakkattee osoo hin taane; ergama WBO fudhattee dhufte” jechuun dararaa kan jiran ta’uun barameera.

Milishoonni Bilxiginnaa maanguddoo haadha hiyyeessaa kana irratti gocha gara jabinaa kana raawwatan maqaan isaanii:

  1. Abdallaa Badhaasoo fi
  2. Ibsaa Jamaal kanneen jedhaman ta’uunis eeramee jira.

Aanicha keessatti kaayyoon ergamtoonni sirnichaa gocha dabaa akkasii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraniif bu’aan isaa, ilmaan Oromoo kutaa fi lagaan adda qoodanii walitti diinomsuuf akka ta’e jiraattonni dubbisne tokko tokko dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading