• Mon. Jan 12th, 2026

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti nama tokko ajjeesuun, tokko madeessanii loon saamanii deemuu fi gariin rasaasaan ajjeesuun ifoome

Jun 5, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon Waxabajjii 2, 2025 aanaa Harxummaa Furseetti jiraataa Qorii ganda Dareessaa kan ta’e nama maqaan isaa Kamaal Sayid jedhamu ajjeesuun, kan ammaaf maqaan nu hin geenye tokko madeessuun ibsame.

Aanaadhuma Harxummaa Furseetti Finxaaleeyyiin Amaaraa kunneen Waxabajjii 4, 2025 loon jiraattotaa ganda  Elemoo irraa bobba’an waaree booda  gara galgalaa namoota loon tiksaa jiran irratti dhukaasa banuun irraa ari’anii loon  Obbo Adam Massitoo nama jedhamuu 21 saamuun loon baay’inaan 11 ta’u ammoo kanneen sagalee dhukaasa baqatanii dheessan rasaasaan waadanii bakka tokkotti akka ajjeesanis himaniiru.

Finxaaleeyyiin kunneen aanaa Jiille Dhummuuggaattis Waxabajjii 1, 2025 nama tokko ajjeesuun tokko ammoo madeessuu isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading