ONM-ABO Waxabajjii 6, 2025
Murni garboomfataan impaayerattii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasee bu’aa siyaasaaf dhimma itti ba’uuf halkanii fi guyyaa osoo hin jenne haala duraan baratameen olitti loltoota isaa ofjala hiriirsuun duguuggaa sanyii irratti bobba’ee jira.
Haaluma kanaanis magaalaa Maqii keessaa loltoonni Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate sababeessuun ilmaan Oromoo alaalatti diinomfatan torban darbe keessa dargaggoo Fayisaa Haajii Leencoo jedhamu mana hidhaa keessaa baasanii rasaasaan dhahanii haala nama suukkaneessuun ajjeesuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Dargaggoon kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun yakkamee hidhaa irraa baafamuun kan ajjeefame ta’uu dubbatu.
Akkuma impaayerattiitti loltoonni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa dargaggoota magaalota Oromiyaa cufa keessaa adamsanii ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi hidhaatti darbatanii hedduu dararuun booda, mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesaa jiraachuun baramee jira.


