ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025
Impaayerri Itiyoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa, tasgabbii dhabuu dinagdee fi raafama siyaasaa keessatti sabaa fi sablammoota kuffisuun haala jireenyaa hammaataa keessatti hojiiwwan saamichaa, yakkoota namoomaa gubaatii manneenii, hidhaa seer-maleessaa fi ajjeechaa taasisaa jiraachuun yaaddoo hammaataa ta’ee jira.
Bifuma kanaanis Kaaba Shaggar aanaa Hidhaabuu Abootee ganda Ada’aa Nachootti torban lamaan darban irraa kaasee rakkoolee jajjabaan jiraattota irratti taasifamaa kan jiru yoo ta’u, namoota maqaan isaanii:
- Obbo Abbuushee Geetaachoo jalaa xaafii kuntaala 13 fi sangaa tokko,
- Obbo Baqqalaa Warquu jalaa mishingaa kuntaala 9,
- Obbo Lammaa Shawwaa jalaa xaafii kuntaala 4 fi sangoota 4,
- Obbo Tamasgeen Tashoomaa jalaa xaafii kuntaala 5 fi
kanneen biroo maqaan nu hin qaqqabin hedduu jalaas akka saaman itti dabaluun himaniiru.
Kana malees aanicha keessatti hawaasni Oromoo kanneen meeshaalee waraanaa dhuunfaan bitatee heyyama seeraa itti qabus humnoota faashistii PP’n dirqisiifamee irraa guuramaa akka jirus jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

