• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti dhiittaan mirga namoomaa ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Jun 8, 2025

ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025 

Aanaa Shanan Dhuuggoo araddaa Haqaan Jiraataa ganda Qu’ee bakka Dhoofaa jedhamu keessaa qonnaan bulaa maqaan isaa Ahimad Yusuuf jedhamu badii tokko malee torban darbe  keessa humnoonni milishaa sirnichaa qabanii hidhuun barameera. 

Obbo Ahimadiin qabanii erga hidhanii boodas maatii isaa irratti sodaachisaa fi doorsisa adda addaa taasisuun boodarra gara qe’ee isaatti deebi’anii horii 1 jalaa akka fudhatanis itti dabaluun jiraattonni himaniiru.

Kana malees torbanuma darbe keessa, poolisoonni tiraafikaa araddicha deemanii namoota doqdoqqee oofan irraa “heyyama haaressaa” jechuun sababa ittiin saaman kalaqanii doqdoqqee baay’inaan dhibba tokkoo ol ta’an waajjira poolisii aanichaatti walitti qabanii qarshii gaafachaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Sababa kanaaf, jiraattonni lafa fageenya dheeraa miillaan deemanii gara aanichaa dhaqaa kan jiran yoo ta’u, kanneen duratti doqdoqqee fayyadamuun gabaaf wantoota adda addaa dhiyeessaa turanis danqamaa akka jiran dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading