ONM-ABO Waxabajjii 8, 2025
Bara bulchiinsa koloneel Abiy Ahimed kana keessa Oromummaan yakka ta’uun ilmaan Oromoo jaleewwan sirnichaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun yakkoonni garaa garaa irratti raawwatamaa jira.
Haaluma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Gurraacha Ujummoo jedhamu keessaa Caamsaa 16, 2025 shamarree maqaan ishee Loomituu Taaddasaa jedhamtu “Waraana Bilisummaa Oromoof rifeensa foote” jechuun jaleewwan Bilxiginnaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hanga ammaatti hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, Caamsaa 22, 2025 ogeessa fayyaa buufata fayyaa aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa Asfawuu Jabeessaa jedhamus maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhanii jiraachuunis beekameera.
Akka maddeen himanitti, shamarree Loomituu fi ogeessi fayyaa kun siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf kan hidhaman ta’uu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

