Seenaa fi Diina OromooHumna dilbii akka sabaatti qabu fagootti sodaachuu fi qabeenya bal’aa irra qubatetti bololuun, seenaa jaarraa darbee keessatti Oromoon sirnoota bittaa dhufaa darbaniin akka diinaatti ilaalamee ajjeefameera; saamameera. Seenaa kana galmeessinee kan yaadannu sababoota gurguddoo lamaafi. Gam tokkoon haqni seenaa, haala qabatamaa har’a ummanni keenya keessa jiru hubachuuf murteessaa dha. Toora siyaas-dinagdee amma Oromoon keessa jiru, taateewwan seenaatu murteesse. Gama biraan immoo barnoota. Har’aa fi egereen ummata keenyaa gonkumaa gidiraa wal fakkaatu akka hin argineefi.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) bifa qindaheen bara 1960-moota irraa eegalee kan ijaarames sababootuma kanaafi. Daba seenaa keessatti irra gaheen haala qabatamaa sabni keenyi har’a keessa jiru jijjiiruu fi ajjeechaan akka sabaatti irra gahe gonkumaa akka hin deebineefi. Yeroo bifa qindaaheen bara 1960-moota keessa eegale irraa kaasee, QBO kaayyoo lachanuu galmaan gahuu keessatti injifannoo cululuqaa galmeessaa dhufe. Bara 1975 lafa harka Oromootti deebise. Bara 1991, hanqina isaa waliin, daangaa Oromiyaa sarare; afaan Oromoo afaan hojii taasise.
Haa ta’u malee, bara 2018 irraa kaasee injifannooleen kun hundi sududaan duubatti deebi’uu jalqabni. Abiy Ahmed Oromoo ajjeessuu, hidhuu, salphisuu hojii idilee godhate. Aangootti bahee otuu lukni lafa hin qabatiin waraana jalqabaa kan bane Oromoo irratti. Humnoota kaan yeroo dhihoo as waliin loluu eegale hundaaf ajandaa fi hidhanoo kennaa, mana haadha Oromootti ibidda erguu kan jalqabee guyyuma aangootti bahe sana ture.
Waraanni Oromoo irratti baname kun bifa qindaa’een itti fufe. Oromoo ta’uun maqaan masoo itti bahee yakka godhame. Wiirtuu siyaasaa, aadaa fi dinadgee Oromoo mancaasuuf karoorri lafa kaayame. Hayyoota aadaa Oromoo balleessuuf karoorri bahe, Abbootii Gadaa Oromoo Karrayyuu rashanuun ifa bahe. Qaroo Siyaasaa Oromoo hidhuu, biyyaa arihuu fi rashanuun karoora qindaaheen raawwate. Kuma dhibbootaan hidhaatti guurani, manneen hidhaa keessaa baasanii ajjeesanii gatan; Baattee Urgessaa faa harkaa fi luka hidhuun galafatan. Oromoo ajjeesee kaan gubee; kaan harreetti fe’ee kan boquu saba kanaa cabsuu yaale Abiy Ahmedi. Haadhaa fi Abbaa dirqamaan daawwachiisaa kan ilma daandii guddaatti baasee rashansiise Abiy Ahmedi.
Qabatamaan, yakki jarraa tokkoo oliif Oromoo irratti raawwatame hundi walitti ida’amee, yakka Abiy Ahmed Oromoo irraan gahe bukkeetti daran xiqqaatee argame. Seenaa isaa keessatti gidiraa argee hin beekne, Abiy Ahmedin Oromoo irratti dhugoome.
Biyya abbaa isaatti Oromoo fixaa, bakka baqatee deemettillee diina ta’ee akka arihamu taasifame. Maqaa Oromoo dhahachaa, wallaalummaa daangaa dhabeen dinagdee kuffisanii, bulchiinsa mancaasuun maqaan Oromoo salphifame. Bu’aan Abiy Ahmed Oromoodhaaf fide, biyya keessatti du’a, gadadoo fi hiyyuma; kan biyyaa baqateef immoo salphina, saalfii fi diinummaa dha.
Garuu ammayyuu gidiraan kun Abiy Ahmediin hin quubsine. Bara 1975 asitti yaalamee waan hin beekne, abbaa qabeenyummaa lafaa ummata irraa fuudhuun abbootii qabeenyaa dhuunfaa keessaa fi alaaf gurguruuf dhaadatee ture, raawwachuutti jira. Wixineen seeraa lafa Oromoo alagaatti gurguru xumuramee hojiitti seenaa jira. Oromiyaa diigeen bittinsa jedhee kan ifaa fi dhoksaatti dhaadatee raawwiitti seenes Abiy Ahmedi. Sana humnoota Oromoo irratti waraana labsuun jalqabe. Wixinee isaa Naannoo Ummatoota Kibbaa diiguun argisiise. Dhiyeenya immoo ajandaan isaa kana ta’uu Komishinii Marii Biyyoolessaa Ofii ijaarrateen ifatti lallabe.
Kanaafi, har’atti Oromoodhaaf diinni Abiy Ahmed caalu hin jiru kan jennu. Kun ilaalcha (opinion) miti. Haqa lafa irra jiru dha. Kana kan dubbatu WBO miti. Ragaatu lafarraa dubbata. Lakkoofsatu dubbachaa jira.
Kana gidduudhaa humni bicuun dantaa sabaa sherfeetti gurgurate, Abiy Ahmed “mootummaa Oromooti” nuun jechuu fedha. Isaan maqaa qabu, maqaa liqii kan zaranyaa jedhamu. Namni 4-kiiloo jiru qooqa keenya dubbannaan saba irratti gidiraa kamuu raawwachuun qulqullina warra jedhe. Oromoonis kaleessa nama afaan isaa dubbatuun cunqurfamuuf qabsaahe warra jedhu. Qabsoon Oromoo cunqursaa ummata irra ture kaasuuf otoo hin taane afaan cunqursitootaa jijjiiruuf qofa godhame warra jedhu. Isaaniin yeroo biraa itti deebina.
Humna Oromoo Waloo
Gidiraa Abiy Ahmed saba keenyatti dhale qolachuuf Oromoon maal gochaa jira? Yeroo ammaa humni siyaasa Oromoo wiirtuu sadii irraa qindaa’a. Kan jalqabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) humna jabaa ijaaraa, gootummaan kufee diina kuffisaa jira. Lammaffaan humna mormitoota siyaasaa dantaa saba keenyaaf amanamee falmii siyaasaan sirnicha hudhaa jiru. Sadaffaan, ilmaan Oromoo sirna Bilxiginnaa keessa taa’anii saba isaaniif hojjechaa, qabsaa’aas jirani.
Wirtuuleen humna Oromoo kun qajelloon quba wal qabu. Dantaa sabaa kabachiisuuf waliin dhaabbatu. Diinni ummata keenyaa inni jalqabaa Abiy Ahmed ta’uu jala muranii sirna wallaalummaa fi hannaan ijaare irratti qabsoo finiinsaa jiru.
Hariiroo Humnoota Siyaasaa Biyyittii
Har’atti, humni biyyatti keessatti argamu kamuu, dantaa saba keenyaatti otoo hin bu’iin, Abiy Ahmed irratti hanga xiyyeeffatetti, qabsoo humni Oromoo waloon sirna Abiy irratti godhu qabatamaan akka gargaaretti ilaalla. Boru-dhihoo fi fagootti (short and long-term) immoo, gaafii akka sabaatti qabnu hunda lakkoofnee deebisuuf karaa wal-xaxaa keessa darbuun dirqama. Sana raawwachuuf qabsoon toora barbaada. Mariif marabbaan rakkoon furamu yoo jiraate, mariitu jalqaba yaalama. Nuyi ummata qaroo dha. Lubbuu gootota keenyaa tarsiimoo malee hin wareegnu. Hunduu tooraan, qorannoo sayinsaawaa ta’e irratti hundaa’ee, itti deemama.
Hireen naannoo Gaanfa Afrikaa keessatti akka sabaatti qabnu maaliyyuu yoo ta’e, ummatoota ollaa, kan seenaa waraanaa fi nagaa wal-xaxaa qabnu, waliin dubbachuun dirqama. Dubbiin godhamu garuu fakkeessitoota akka Abiy Ahmed waliin miti. Kallattiin Abbaa dhimmaa waliin dubbanna. Mariin karaa Abiy Ahmed milkaahu akka hin jirre qabatamaan argineerra. Abiy yaadama siysas-dinadees ta’e, dantaan ummataa inni amanamuuf homtuu hin jiru. Ummatoota biyyatti hundumaaf balaa fi ba’aa dha. Marii ummatoota kaan waliin godhamu keessatti wanti murteessaan dantaa ummata keenyaa jala sararree kabachiisuu dha. Sanaimmoo WBOn waltajjii irratti argame hundumaa irratti mirkaneessee jira.
Waan irratti wal hubanne qabanne, kaan bakkaa fi yeroon itti deebina. Marii gaafa ijibbaanne, sadarkaa itti aanutti ceena. Humnaan qaama dantaa saba keenyaa sarbuu dhufe kamiyyuu dura dhaabanna. Ammoo takkaan mukaaf jirmatti bu´aawareegama hin malletti hin seennu. Tooraan itti adeemna; tarsiimoon masakamna.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Waxabajjii 10, 2025
