ONM-ABO Waxabajjii 10, 2025
Raashiyaan biyyoota Afrikaa waliin tumsa cimsuuf “naannoomurteessoo” kan akka ittisaa fi nageenyaa dabalatee hojjechuuf akka ta’e Kiremlin Wiixata kaleessaa ibsiteetti.
Gareen kiraa sassaabdota Raashiyaa Wagner akka jedhetti torban darbe qabsoo hidhattoota irratti godheen Juntaa waraanaa achitti gargaaree booda Maalii gadhiisa ture. Garuu Africa Corps, humna waraanaa Kiremlin to’atu, biyya Afrikaa Dhihaa keessatti akka turu dubbateera.
Kun gahee Raashiyaan Afrikaa keessatti qabduuf maal jechuu akka ta’e gaafatamee, dubbi himaan Kiremlin Dimitrii Peskov akkas jedhan: “Afriikaa keessatti argamuun Raashiyaa guddachaa jira. Dhugumatti biyyoota Afrikaa waliin walitti dhufeenya qabnu bal’inaan guddisuuf yaadnee jirra, kunis adda durummaan walqunnamtii dinagdee fi invastimantii irratti xiyyeeffanna.
“Kunis naannoowwan murteessooo akka ittisaa fi nageenyaa wajjin kan walsimuu fi kan babal’atudha. Gama kanaan Raashiyaan biyyoota Afrikaa waliin walitti dhufeenyaa fi tumsa itti fufti.”
Biyyoota akka Maalii, Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa fi Ikuwaatooriyaal Giinii dabalatee gaheen nageenyaa Raashiyaan kutaalee ardii kanaa keessatti guddachaa dhufe, warra dhihaatiin yaaddoodhaan ilaalama, akkasumas humnoota Faransaayii fi Ameerikaa of keessaa baasuun mul’achaa jiraachuu Rooyiters gabaaseera.


