ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025
Israa’el dhaabbilee niwukilaraa Iraan, warshaalee misaa’ela balistikii fi ajajoota waraanaa irratti xiyyeeffachuun Jimaata har’aa ganama Tehran akka meeshaa atoomii hin ijaarre ittisuuf hojii yeroo dheeraa akka ta’u dubbatteetti.
Miidiyaaleen Iraan fi ragaa ba’an, bakka badhaadhina yuuraaniyeemii guddaa biyyattii Natanz keessatti argamu dabalatee dho’iinsa kan gabaasan yoo ta’u, Israa’el ammoo misaa’ela haaloo ba’uu fi haleellaa diroonii Iraaniin dhufuu danda’uuf labsii yeroo muddamaa labsiteetti.
Televiziyooniin Iraan akka gabaasetti, Hosseyin Salaami, hogganaan eegduu warraaqsaa Islaamaa Iraan (IRGC) ajjeefamuu fi waajjirri muummee IRGC Tehran keessatti rukutamee ibse. Naannoo mana jireenyaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti haleellaa raawwatameen daa’imman hedduun ajjeefamaniiru jedheera.
TV’n mootummaa Iraan, Hogganaan humna waraanaa Iraan Mohammad Bageri haleellaa Israa’el irratti ajjeefameera jedhan.
Televijiiniin mootummaa du’a Golamaalii Rashid, ajajaa olaanaa IRGC fi yoo xiqqaate saayintistoota niwukilaraa lama:
- Fereyduun Abbaasi-Davani fi
- Mohaammad Mehdi Teeranchi mirkaneesse.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun ergaa viidiyoo waraabamee darbeen, “Seenaa Israa’el keessatti yeroo murteessaa ta’e irra jirra,” jedhan.
“Yeroo dura Israa’el Operation Rising Lion, Opireeshinii Leencota Ka’aa Jiran jedhu kan balaa Iraan lubbuun jiraachuu Israa’el taate duubatti deebisuuf xiyyeeffate jalqabde. Opireeshiniin kun guyyoota hamma doorsisa kana buqqisutti itti fufa” jedhan.
Israa’el saayintistoota Iraan boombii niwukilaraa irratti hojjetan, sagantaa misaa’ela balistikii fi bakka badhaadhina yuuraaniyeemii Natanz irratti hojjechaa turan turan irratti xiyyeeffachuu himuun, hojiin kun guyyootaaf itti fufu akka danda’u dubbataniiru.
Hogganaan olaanaa Iraan Alii Khaameenii ibsa kennaniin Israa’el “adabbii cimaa” akka argattu dubbataniiru. Haleellaan Israa’el “ajajoota fi saayintistoota hedduu” ajjeeseef beekamtii kenneera.
“Yakkuma kanaan sirni Ziyoonistii hiree hadhaa’aa ofiif qopheessee jira, kanas argachuun isaa hin oolu” jechuun dubbachuu Al Arabiyaan gabaaseera.

