ONM-ABO Waxabajji 13, 2025
Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kamisa darbe akka jedhanitti, Iraan haleellaa qilleensaa Israa’el bal’aa Tehran fi magaalota Iraan biroo irratti xiyyeeffate hordofuun gara minjaala mariitti akka deebitu abdii qaban ibsan.
Chaanaaliin oduu Fox News kan ta’e Jennifer Girifin, gareen isaanii tarkaanfii Israa’el ilaalchisee Tiraampiin akka dubbate X irratti barreessiteetti.
“Iraan boombii niwukilaraa qabaachuu hin dandeessu, gara minjaala mariitti deebi’uuf abdii qabna. ni argina. Hooggansa keessa namoonni hedduun kan deebi’an hin jiran,” jechuun Tiraamp haleellaa kana booda nama siyaasaa olaanaa Fox Biret Bayeritti himaniiru.
Traamp haleellaa kana osoo hin raawwatin akka beekan himanii garuu hirmaannaan waraanaa Ameerikaa akka hin jirre cimsanii dubbataniiru.
Tiraamp haaloo bahuun jiraachuu isaa ilaaluuf ajaja giddu galeessaa Ameerikaa (Centcom) of eeggannoo olaanaan irra kaa’amuu ibsuun, haala kana keessatti US Iraan irratti ofii fi Israa’el irraa ni ittisti jedhan.
US torbanneen darban keessa Ittisa misaa’ela Ayiran Doom Israa’el guuttee jirti, akka qondaaltonni bulchiinsa jedhanitti jechuun Anaadooluun gabaaseera.

