ONM-ABO Waxabajji 14, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo Funyaan Sulleetti Waxabajjii 12, 2025 finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon meeshaalee gurguddaa dabalatee dhukaasa hawaasa gandichaa irratti bananiin haadha manaa Obbo Nuuruu Ahimed Alii daa’ima tokko kan qabduu fi maqaan ishee Hawwaa Aliishee kan jedhamtu manuma ishee keessatti rukutuun kan madeessan yoo ta’u, yaala olaanaaf hospitaala Kamiseetti darbarfamtee akka jirtu beekameera.
Humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa kun aanichatti keessattuu ganda Coqorsoo kanatti tibbana guyyuu dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananii namoota ajjeesuu, madeessuu fi loon jiraattotaas saamuun kan jalaa miliqan ammoo rasaasaan waadanii ajjeesaa fi madeessaa kan jiran yoo ta’u, gandichumatti Waxabajjii 9 fi 10, 2025 loon namoota hedduu kan haadhi warraa isaa madoofte Nuuruu Ahimed Alii dabalatee ajjeesuu fi madeessuu isaanii gabaasaa turuun ni yaadatama.
Kun osoo kanaan jiruu bulchaa Bilxiginnaa ganda Coqorsoo kan ta’e namni maqaan isaa Obbo Huseen Hasan jedhamuu fi Komaander Yaayyoo Roobsee jedhamu waliin ta’uun namoota eegumsa naannoo ba’an, maaliif walii birmattanii eegumsa baatu? balbala keessan irra teessanii hin eeggattanii? asiin booda namni eegumsa naannoo ba’e nama jeequmsa uumeedha, nuti isa arginaan itti gaafatamaan matuma isaati jechuun hawaasa kanaaf birmachuu osoo qabanii inumaa akka isaan finxaaleeyyii kana of irraa hin deebisne mana isaanii keessa ciisanii du’an taasisaa jiraachuu jiraattotni gandichaa miira jireenya irraa abdii murachuu fi akkasumas gaddaan guutameen ONM’f eeraniiru.


