ONM-ABO Waxabajji 16, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Sadalee jedhamu keessaa Waxabajjii 14, 2025 tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa dubartii maqaan ishee Aadde Malkaamee Oljirraa jedhamtu badii tokko malee reebicha ulfaataa irraan gahuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Aadde Malkaameen siyaasa kam irraa walaba ta’uu kan himan maddeen, isheenis sababa armaan dura abbaan warraa ishee Obbo Gaarii Mitikkuu dirqamaan qabamee waraanummaa erga leenji’ee booda “ijoollee koo guddifachuu naaf wayya” jechuun meeshaa lafa kaa’ee gara jireenya dhuunfaa isaatti deebi’ee waan galeef dhimma ishee hin ilaallanneef “abbaa warraa kee fidi” jechuun gara mana ishee dhaqanii ukkaamsuun hidhatti kan darbatan ta’uun eeramee jira.
Haaluma wal fakkaatuun jiraataa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Firoomsaa Girmaayee jedhamu “miseensa keenya keessaa baddee galte” jechuun Waxabajjii 1, 2025 ukkaamsuun torban lamaaf waajjira poolisii aanaa Haaruutti hidhanii dararaa erga turanii booda gara qajeelcha poolisii aanaa Gimbiitti dabarsanii hidhuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa barcuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf ilmaan Oromoo hunda saalaa fi umuriin osoo adda hin baasin maqaa isaan hin qabne gocha isaan hin raawwanne itti maxxansuun dararuu hammeessanii jiru.

